Blog Detail

Inshuraansiin Awaash Ayyaana Torbee Maamiltootaa Kabajaa Jira.

Inshuraansiin Awaash Ayyaana Torbee Maamiltootaa Kabajaa Jira.

Dhaabbanni keenya Inshuraansiin Awaash mata duree “Amantaa guddaa nurraa qabdaniif Galatoomaa!” jedhuun ayyaana torbee maamiltootaa kabajaa kan jiru yommuu ta’u, ayyaanichi waajjira muummichaafi Dameewwan dhaabbata keenyaa hundatti bifa walfakkaatuufi sagantaa ho’aan torbee tokkoof kan kabajamu ta’a. Dhaabbanni keenya hundeeffama isaarraa kaasee maamiltoonni isaa bu’uura jabaa milkaa’inasaa ta’uu kan amanu yommuu ta’u, waggaatti yeroo tokko sagantaa ayyaana torbee maamiltootaa qopheessuun maamiltootasaa galateeffata. Bara kanas maamiltoota keenya waggoota 30n darban keessatti tajaajila amansiisaa nuti kenninuuf amantaa guddaa nurra kaawwatanii tajaajila keenya fayyadamaniifi bu’uura cimaa milkaa’ina keenya ta’an galateeffachaa ayyaanicha sababeeffachuun tajaajiloota armaan gadiirratti hir’isa gatii taasisuu keenya gammachuu guddaadhaan ibsina.

  1. Tajaajiloota Inshuraansii Liqaa Baankii (Mortgage Redemption Insurance (MRI))፣ Inshuraansii Fayyaa Dhuunfaa (Individual Life Insurance), Inshuraansii Barnootaa (Education Insurance), Inshuraansii Hojjattootaa (Workers’ Compensation Insurance)fi Inshuraansii Balaa Ibiddaafi Bakakkaa irratti hir’ifamni gatii dhibbeentaa digdamii shanii (25%) kan ji’a tokkoof qofa turu taasifameera.
  2. Namoota uwwisa Inshuraansii konkolaataa guutuu bitatan kanneen uwwisa Inshuraansii Konkolaataa qaama sadaffaa guuttataniif:  Uwwisni qabeenyaa (Property Coverage) hanga 200,000 qofatti kennamuufi beenyaan balaa du’aafi miidhama qaamaatiif kafalamu kan hanga 250,000 qofa ture gara 300,000 guddata.
  3. Maamilootni waldorgommii gaaffifi deebii dhaabbanni keenya hubannoo hawaasni tajaajila inshuraansiirratti qabu gabbisuuf karaa miidiyaalee hawaasaatiin adeemsisurratti hirmaatanii injifataniif badhaasni kaardii moobaayilii ni kennama.

Hir’ifamni gatii kun ji’a tokkoof (Bitootessa 29 hanga Ebla 29, 2017ALItti) qofa kan turu yommuu ta’u, maamiltoonni tajaajila inshuraansii haaraa bitachuuf yookan haaromsachuuf gara waajjira muummeefi dameewwan keenyaatti dhufan hundi tajaajila kana fayyadamuu danda’u.

Hoji-gaggeessaa Olaanaan dhaabbata keenyaa Kabajamoo Obbo Jibaat Alaminaa Faajjii Ayyanicharratti haasaa taasisaniin dhaabbanni keenya hundeeffamasaarraa kaasee maamiiloonnisaa bu’uura cimaa milkaa’inasaa ta’uu hubachuun fedhiisaanii guutuuf xiyyeeffannoon hojjachaa turuu himan. Tajaajiloonni dhaabbanni keenya fedhii maamilootaa giddugaleeffachuun kennaa jiru kun amansiisaafi si’ataa ta’uunsaa maamiloota amanamoo  kuma 90 ol akka horannu nu taasiseera jedhan. Obbo Jibaat itti dabaluunis maamiloonni keenya hir’ifama gatii Ayyaana Torbee Maamilootaa sababeeffachuun tajaajiloota Inshuraansii tokko tokkorratti kennamerraa fayyadamoo akka ta’an yaadachiisaniiru.

Dura taa’aan Daayireektaroota Boordii dhaabbata keenya Kabajamoo Obbo Taaddasaa Gammadaa ergaa dabarsaniin Inshuraansiin Awaash xiyyeeffannoo olaanaa maamiloota isaatiif kenneen amantaa olaanaa maamiloota isaarraa argateera jedhan. Mul’ata karoora tarsiimawaa 2030 keessatti qabateenis tajaajiloota inshuraansii fedhii maamilootaa gidduageleeffatan dhiheessuun isa bu’uuraa yommuu ta’u, akkaataa kenniinsa tajaajilaarrattis karoorfatee hojjachaa jiraachuus himan. “Maamiloonni keenya bu’uura  waan hunda keenyaati” kan jedhan Obbo Taaddasaan dhaabbatichi sagantaa daawwannaa maamilootaa walitti fufaa kan qabuufi yaadaafi qeeqa maamilootarraa argatuun tajaajiloota isaa daran fooyyessaa jiraachuus himaniiru. Maatii Insuraansii Awaashifi Maamiloota Dhaabbata keenyaa hundaaf Ayyaana Torbee Maamiltootaa Gaarii hawwina! Ayyaana Gaarii!